header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa jeequmsi naannoo Somaalee Keessatti ka’e tasgabbaayuu beeksise

Jeequmsa dhiheenya kana bulchiinsa Naannoo Somaalee magaalota adda addaa keessatti ka’een, lubbuun namaa fi qabeenyi heddu barbaada’uun ni yaadatama. Dhimma kana ilaalchisee Mummichi ministeera Dr Abiy Ahmad ibsa midiyaaleef kenneen,

“Jeequmsa fi rakkoo naannicha Keessatti uumame hiikuudhaaf dhaaba naannicha bulchaa jiru waliin marii geggeessa jirra, rakkoon uumame hamaa tahus kallattii qabatee jira. Kanumaan walqabatee “naannichi biyyattii irraa fottoquuf”gaafiin jedhu namoota heddu irraa ni ka’a, garuu kun waan akka salphaatti tahuu miti, kanaafuu ummanni gaafiin akkasii kun yeroo ka’u eessa irra akka madde, eenyu akka kaasee hafarsu gad fageenyaan qoratuu qaba”jedhe.

https://youtu.be/GxDzPjIs7jQ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button