header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Masri Haleellaa Turistoota irratti raawwatame hordofuun hidhattoota 40 ajjeessuu beeksiise

Mootummaan masrii ibsa baaseen akka jedhetti, haleellaa guyyaa kaleessaa turistoota irratti raawwatame hordofuun, poolisiin biyyattii Sabtii hardhaa duula naannolee lama keessatti geggeesseen hidhattoota 40 ajjeesuu beeksise. Dabalataanis poolisiin biyyatti naannoolee Gizzaa fi Kaaba Sinaay keessatti duula geggeessaa jiruun, maandheewwan hidhattootaa heddu kan barbadeesse tahuu ibsi ministeera biyya keessaa irraa bahe kun ni ibsa.

 

Jum’aa kaleessaa Kibba Kaayiroo naannawa Gizzaa keessatti haleellaa bombii Konkolaataa Turistoota fe’atee imalaa ture irratti raawwatameen, namoonni 4 ajjeefamuun 11 ammoo kan madaayan tahuu gabaafame. Namoota ajjeefaman jidduu 3 lammiilee Veetnaam yoo tahan, tokko ammoo lammii Masri tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Jeneraal Abdulfattaah Al-Sisi bara 2013 prezdaantii biyyattii Muhammad Mursii humnaan fonqolchuudhaan taayitaa eega qabatee booda, naannolee biyyattii heddu keessatti sochiin hidhattootaa kan babal’ataa dhufe tahuu odeeyfannoon kun ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button