header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Lakkoofsi Namoota Balaa kirkira lafaa dangaa Iiraanii fi Iraaqitti muudateen du’anii 540 gahe.

Kirkira lafaa magniituudii 7.3 shallagame kan Alhada dabre naannoolee daangaa  Iraanii fi Iraaqi rukuteen, hanga ammaatti lubbuu namoota 540 kan galaafate yoo tahu,namoonni 8000 oli immoo midhamaniiru. Nannichatti manneen 30,000 ta’an kan caccabanii fi gandoonni lama barbadaa’aniiru.

Namoonni  lubbuun isaanii darbe irra caalaan lammiilee Iiraan yoo tahan, gama Iiraaq irraa namoonni 7 du’uuf namoonni 325 tahan immoo kan miidhaman tahuu qondaaltonni Iraaq ibsan.

Kirkirri lafaa kun magaalaa Saarpol-e Zahaab, kutaa  Kermaanshaah keessatti balaa guddaa dhaqqabsiise.
Prezdaantiin Iiraan Hasan Ruhaanii  naannawa balaan kun itti uumametti argamuun” mootummaan yeroo gabaabaa keessatti humna qabu hundatti fayyaadamun, rakkoo jiru maraaf furmaata kan kaahu tahuu wadaa gala” jedhe.

Ka’uumsi hoollannaa kanaa kaaba-baha Iraaq tahus, midhaan guddaan kan dhaqqabe daangaa Iiraan keessatti.

Balaan kirkira lafaa waggaa kana keessa mudatee hunda caalaa kan balaa guddaa dhaqabsiise tahuus gabaasni  arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button