header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaa lolaa Indiyaa keessatti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 324 gahe

Indiyaa kutaa Keralaa keessatti balaan lolaa guddaan kan muudate yoo tahu,lubbuu nama 300 ol galaafatuu fi qabeenya heddu barbadeessuu qondaaltonni biyyattii Jum’aa har’a ibsan. Rooba guddaa osoo wal-irraa hin citin dhiheenya kana roobaa jiru hordofuun, waggaa 100 keessatti balaa lolaa hammaataa taheef saaxilamu bulchaan kutaa Keralaa, Pinarayi Vijayan ibse.

Vijayan fuula Twittara isaa irratti, sa’aa 24 keessatti lakkoofsi namoota balaa kanaan lubbuun darbee 324 gahuu fi 223,139 immoo iddoo jireenya isaanii irraa buqqa’uun kaampiilee 1,500 keessatti qubsiifamuu beeksiise. Akkasumas jiraattonni naannichaa kumaatamaan lakkaa’aman hanga ammatti balaa lola kanaaf saaxilamanii kan argaman tahuu fi tajaajilli ifaa fi sararri bilbilaa kan addaan cite yoo ta’u, ammas sodaan guddaan kan jiru tahuu qondaaltonni mootummaa ibsan.

Helikoptaroonni waraana 30 ol tahani fi dooniiwwaan 320 lubbuu baraaruuf kutaa Keralaa keessatti kan bobba’anii jiran yoo ta’u, miseensoonni raayyaa dabalataan garasitti ergamuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button