header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Kitaabni Mata duree Musaa’id- Axxullaab (gargaaraa barattootaa) jedhuun qophaa’e eebbifame

Kitaabni “Musaa’id-Axxullaab”Ustaaza Muhammad Sabaah Sheikh Sa’id Afaan Oromootiin kitaabota gara garaa 6 irraa bifa gabaabaa fi akka salphaatti namaa galutti kan qopheesse yoo tahu, kitaabni kun guyyaa kaleessaa Godina Walloo Magaalaa Kamiseetti haala hoo’aa taheen eebbifame.

Sagantaa eebba kitaaba kanaa irratti hawaasni Muslimaa lakkoofsaan heddu ta’e, akkasumas Ulamaa’onni fi Keessummoonni iddoo gara garaa irra affeeraman argamuun kitaabicha ilaalchisee yaada isaanii kennatanii jiru.

Ulamaa’ota fi Ustaazota eebba kitaaba kanaa irratti argaman jidduu:
Dr Jeylaan Khadiir, Profesar Aadam Kaamil, Ustaaz Qamar Huseen, Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Ustaaz Muhammad Faraj, Munshid Abdurrahmaan Huseen, Ustaaz Umar Hajjii fi keessummoonni birootis jiratuun beekameera.

eebba kitaabaa1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button