Dubbi himaan Ministeera Fayyaa Falisxiin, Loltoonni Isra’eel, haleellaa baha Gaazaa keessatti juma’aa har’aa rawwataniin lammiilee Falisxiin lama ajjeessuu fi nama 40 ol madeessuu ibse.
Dubbi himaan ministeera Fayyaa Ashraf Al Qidraa, namoota ajjeefaman lamaan jidduu dargaggeessi umrii 30 Kariim Abuu Faxiir jedhamu naannawa Kaampii Albureejjii jedhamutti kan ajjeefame tahuu fi lammileen Falisxiin 40 ol immoo haleellaa gazii ija nama gubuutiin miidhaman jedhe.
Mormii lafa ofii deebifatuu jedhuun March 30 irraa kaase jalqabameen, hanga ammaatti Loltoota Isra’eeliin Falisxiinonni 162 ol ajjeefamuu fi kanneen kumaatamaan lakkaa’aman immoo madaa’uu gabaasni ministeera Fayyaa Falasxiin irraa bahe ni mul’isa.
Lafti irra jiraannu tun irra caalaan isii bishaaniin uwwifamee jira. Lafa tanarraa Parsantii 71.6 kan…
Dachii tana keessa wantoota qaqqaalii heddutu jira. Gariin makiinaa, kaanis sa’aatii harkaa gatii haalaan qaalii…
Jaarraa tokko dura addunyaan tun akka har’aa hin turre. Haalli jiruufi jireenya ummataa, guddinni teknoolojiifi…
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…