header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

UN mootummaan Ityoophiyaa mirga lammiilee mormii dhageessifatanii akka kabaju gaafate

Dhaabbata Mootummaa Gamtoomaniitti ogeeyyonni Ejensii Mirgoota Namoomaa, mootummaan Ityoophiyaa lammiileen karaa nagayaatiin mormii akka dhageessisaniif mirga isaanii akka kabaju waamicha dhiyeessan. UNtti Raapportariin Addaa Kilement Niyaaletsos Vowul ibsa kenneen, Mirgi intarneetii argachuu mirga karaa nagayaatiin walgahuu waliin walitti kan hidhatu tahuu ibsuu, mootummaan Interneetii broad band fi Wi-Fi qofa osoo hin taanee tajaajila telekomii guututti akka gadi lakkisus gaafate. ”Kanaan duras gaafannee jirra, ammas irra deebiin mootummaan akka tajaajila intarneetii hin cufne ni gaafanna”jedhe.
Qondaalli ol’aanaan UN kun, walgahii Kaawunsilii Mirgoota Namoomaa 44ffaa kan Adooleessa kana keessa geggeeffame irrattis gaafatee akka tureefi, ammas waltajjiiwwan argaman hunda irratti mootummaan tajaajila intarneetii mobaayilii fi daataa akka deebiisu kan gaafatu tahuus ibse.

UN ibsa isaa kanaan ”Bakka interneetiin hin jirretti ajjeechaa Artist fi qabsaayaa mirga namoomaa Oromoo Haacaaluu hordofuun, haalli ture maal akka fakkatuu murteessuun baay’ee rakkisaadha; kanaafuu qajeellotti maal akka umamee beekuuf qorannoon iftoomina qabuu fi cimaa ta’e naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee keessatti geggeeffamuu qaba”” jedhe.
UN ragaa poolisii irraa argame eeruun akka ibsetti, hoggantoota paartiilee siyaasaa dabalatee namoonni kuma 7 ol ta’an hidhamuus hime. Kanarrattis ”Dhugaan lafa jiru ifa ta’uu baatullee garuu baayyinni namoota hidhamanii haalaan yaachiisaadha” jedhe.
UN dhumarrattis, qondaaltonni mootummaa Ityoophiyaa walumaa galatti mirga lammiilee karaa nagayaatiin walgahuuf qaban akka kabajaniifi, mormiin wayita gaggeefamuttis tarkaanfii humnaa fudhachuu irraa akka of qusataniif waamicha godhe.

3 Comments

  1. hagaa abiyot Rabbiin nuraa buqisuu nageeni wayituu hin jiruu

    garaa nuu gubatee Rabbiin garaa isaa haa gubuu wallaahi 💔😭😭

    maali baadin sabaa kanaa!!!! dugugaa shaanyi barumaa baraani nuratti rawwata mootummani zalimmaa dhufa lufanii hundi😭😭

  2. mashaa Allah tabarakallahuu Rabbiin isini irraa haa Jalatuu
    Rabbiin nuufi haa biramatuu ☝️😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button