header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Muhammad Bin Salaman Isra’eel akka daawwatu Ministeerri Basaasa Isra’eel affeere

Ministeerri basaasa Isra’eel Yisra’el Katz gaaffii fi deebisaa Weebsayitii Odeeyfannoo Sa’udii waliin godhe irratti Muhammad Bin Salman Isra’eel akka daaw’atuuf affeere.
Ministeerichi affeerra kana dabarsuu isaa guyyaa kaleessaa gaazexaa Isra’eel tokkoof kan mirkaneesse yoo tahu, “Sa’udiin biyyoota Arabaa hundaaf hoggaantuudha,marii Isra’elii fi Falasxiin jiddutti godhamu irratti hirmaachuu qabdi”jedhe.
Donaald Traamp torbee dabre keessa Alqudsi/Jerusalem magaalaa guddoo Isra’eel jechuun eega labsee booda, Malikni Sa’udi gama isaatiin Alqudsi magaalaa guddoo Falasxiin jechuun dubbate. Haata’u malee Walgahii ariifachiisaa Gamtaan Biyyoota Islaamaa guyyaa kaleessaa Istaanbul keessatti geggeesse irratti, Sa’udiin qondaaltota sadarkaa gad aanaatiin hirmaatte.
Yeroo dhihoo asitti Sa’udii, Emireet fi Maasrii hariiroo Isra’eel waliin qaban kan cimsan yoo tahu, dhimma Falasxiin irratti ammoo Turkiyaa, Qaxarii fi Iraan adda durummaan kan falmaa jiran tahuu gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button