Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii, Qondaaltota Miyanmaar irratti himannaan duguuggaa Sanyii raawwachuu akka banamu gaafate
Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Komishiinni addaa Miyanmaar keessatti Yakkaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame qoraataa ture hujii isaa xumuruun Isniina har’aa gabaasa baasee jira. UN gabaasa isaa kanaan, qondaaltonni waraana Miyanmaar Muslimoota Rohingiyaa irratti duguuggaa Sanyii, yakkaa dhala namaa irratti raawwachuu fi yakka waraanaa raawwatanii jiru jedhe.
Gabaasni UN kun Qondaaltonni Miyanmaar naannolee biyyatti Kachin, Rakhayin fi Shan jedhaman keessatti dhala namaa irratti yakkoota hammeenyaan guutaman raawwachuu isaanii kan mirkaneeffate tahuu ibsuun, manni murtii yakka addunyaa (ICC)n qondaaltota kanneen irratti hattattamaan himannaa akka banu gaaffate.
Waraanni Miyanmaar ajaja qondaaltota ol’aanootiin gandoota Muslimoota Rohingiyaa guutuu gubuu, haawwanii fi ijoollee dubraa gudeeduu, namoota ukkaamsanii gabroomsuu dabalatee yakkoota garagaraa itti yaaduu fi qorannoodhaan kan raawwataa ture tahuu gabaasni UN ni mul’isa. Dabalataanis hooggantuun mootummaa Miyanmaar Aung San Suu Kyi yakka muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatamaa ture dhaabsisuuf carraaqqii kan hin godhin tahuu gabaasichi ni ibsa.