header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan wixinee labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo raggaasise

Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahii ariifachiisaa har’a gaggeesseen, wixinee labsii filannoo biyyalessaa fi galmee paartilee siyaasaa,  akkasumas naamusa filannoo  koreen dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi demokraasii dhiyeesse ilaaluun raggaasise.

 

Labsi ragga’e kanaan Paartii biyyoolessaa hundeessuuf yoo xiqqaate miseensota kuma 10 akka barbaachisuu,  paartii naannoo hundeessuuf ammoo yoo xiqqaate miseensota kuma 4 akka barbaachisu kan kaa’ame tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Dabalataanis Paartileen siyaasaa miseensota isaanii sababa adda ddaatiin miseensummaarraa haquu yoo barbaadan,  hayyama mana murtii malee raawwachuu akka danda’an  mirga kennaaf.

Akkasumas hojjataan mootummaa miseensa paartii ta’ee  duula na filadhaa fi dorgommi irratti yoo kan hirmaatu tahe,  mindaan mootummaa osoo hin kafalaminiif hirmaachuu kan danda’u tahuu labsame.

Gama birootiin ammoo  labsicha irratti dorgomtoota dhiiraa fi dubartootaa ilaalchisee yaada dhiyaatee ture;  sagalee qixa yoo argatan dubartoonni akka injifatan kan kaa’ame yoo tahu, haata’u malee yaadni kun sagalee caalmaan kan kufe tahuun beekamee jira.

Labsii ragga’e kanaan dorgomtoota dhuunfaan hirmaataniifis  mootummaan deeggarsa akka kennu murtaahee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button