header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii Sheikh Salmaan Al-Awdah irratti Adabbii du’aa murteessuuf kan qophaayaa jiru tahuun beekame

Abbaan alangaa mootummaa Sa’udii Aalima beekkamaa biyyattii Salmaan Al-Awdah irrattii murtii du’aa dabarsuuf kan qophaayaa jiru tahuu maatiin isaatii fi miidiyaaleen biyyattii gabaasan. Mootummaan Sa’udii Salmaan Al-Awdii waggaa tokko dura hidhe. Gaazexaan biyyattii Okaz jedhumu akka gabaasetti, hoggantoota biyyattii irratti fincila kakaasuu dabalatee himannaa 37 kan irratti dhihaate yoo tahu, Abbaan Alangaa mootummaa Sa’udii Sheikh Salmaan irratti murtiin du’aa akka dabruuf mana murtii gaafate.

 

Ilma Sheikh Salmaan kan tahe Abdallah Salmaan Al-Awdah “guyyaa kaleessa Abbaan alangaa Abbaa kiyya himanaa 37 irratti dhiheessuun manni murtii adabbii du’aa akka irratti dabarsu gaafate” jechuun Twitter isaa irratti barreesse. Abdallaah akka jedhetti, himannaa Sheikh Salmaan irratti dhihaate jidduu Kuweeyti keessatti dhaabbata gareewwan maqaa Ergamaa Rabbii xureessaniin mormu hundeessite, kan jedhu jiraatu ibse.

 

Sheikh Salmaan Al-Awdah qoqqobbii bara dabre biyyoonni Arabaa Qaxar irra kaayan mormuu isaatiin kan hidhame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Sheik Salman hidhamuu isaatiin duratti September 9,2017 Twitterii isaa hordoftoota miiliyoona 14 qabu irratti ” Yaa Rabbii onnee obbolewwan lamaanii ummata gama lamaaniitiif jecha wal jaalachiisi” jechuun waldhabdeen biyya isaatii fi Qaxar jiddutti uumame kan isa gaddisiise tahuu barreesse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button