Odeeyfannoo

Paaraaguwaay Imbaasii isii Alquds-Jerusalem irraa gara Tel Aviivitti deebiste

Ameerikaan Imbaasii isii Tel Aviiv irraa gara Alqudsitti jijiiruu hordofuun, Paaraaguwaayis Ji’a lama dura Imbaasii Isii  gara Alquds-Jerusalem jijjiirtee turte. Haa ta’u malee Ministeerri haajaa Alaa Paaraaguwaay Liwiis Albeerto ibsa guyyaa kaleessaa kenneen, Paaraaguwaay Imbaasii isii Alquds irraa gara Tel Aviivitti deebisuu beeksise.

 

Mr. Albeerton akka jedhetti mootummaan haaraya biyyattii keessatti filatame Baha Jiddu Galeessaa keessatti nageenyi akka bu’u waan barbaaduuf, dhimmoota akka magaalaa Alqudsi irratti murtii dogongoraa mootummaan biyyattii duraanii fudhate sirreessuun dirqama jechuun ibse.

 

Israa’el murtii mootummaa Paaraaguwaay kanatti dallanuun, imbaasii isii Paaraaguwaay keessaa qabdu cufuun ambaasaaddara isiitis gara biyyaatti akka deebi’u waamtee jirti. Bulchiinsi Falasxiin gama isaatiin imaabaasii isaa Paaraaguwaay keessatti saffisaan kan banu tahuu beeksise. Ministeerri Haajaa Alaa Falasxiin Riyaad Almalikii mootummaa Paaraguwaay murtii sirri tahe fudhachuu isaatiif galteefachuun, “murtiin kun carraaqqiin Falasxiinonni gama dipilomaasiitiin geggeessaa turre kan milkaaye tahuu mul’isa”jedhe.

 

Caamsaa dabre Prezdaantiin Paaraaguwaay duraanii Horaasiyoo Kaarteez gara Alquds imaluun sirna baniinsa imbaasichaa irratti hirmaatee ture. Yeroo sanitti Prezdaantichi qondaaltota Israa’eliin “michuu keenna ol’aanaa”jechuun jajamee ture. Haa ta’u malee prezdantiin biyyatti haaraya filatame Mario Abdo Benitez, “Paaraaguwaay biyya safuu fi seera Addunyaa kabajdu malee fedhii qondaaltotaatiin qofa biyya hoogganamtuu waan hin ta’iniif, Imbaasii keenna gara Telaviiv deebsine”jechuun dubbate. Ameerikaa hordofuun biyyoonni Imbaasii isaanii gara Alquds jijjiiran kanneen biroo lamaan Paaraaguwaay fi Guwatiimaalaa tahuun isaanii ni yaadatama.

Paraguway2

Comment

Related Articles

Back to top button