header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xaalibaan affeerraa marii nageenyaa mootummaa Afgaanistaan irraa dhihaateef kan dide tahuu gabaafame

Lola Afgaanistaan keessatti waggoota 17 oliif geggeefamaa jiruuf furmaata barbaaduuf, torbee lama dura bakka buutonni mootummoota Ameerikaa, Paakistaan, Sa’uudii fi Emreets Abu Daabii keessatti garee Xaalibaan waliin marii kan geggeessan yoo tahu, marii itti aanu ammoo Ji’a dhufu Sa’uudii keessatti itti fufuudhaaf walii galanii turan. Haaluma kanaan mootummaan Afgaanistaan marii Sa’uudii keessatti karoorfame kana irratti, garee Xaalibaan waliin Kallattiidhaan mari’achuudhaaf gaafii kan dhiheesse tahus, Xaalibaan mootummaa Afgaanistaan waliin mariif hin taa’u jechuun dide.

 

Miseensi mana maree Xaalibaan tokko Rooytersiif akka himetti, “akkaatuma karoora qabameetiin dhimmoota marii jalqabaatiin hin xumuramin irratti,  January dhufu Sa’uudii keessatti qondaaltota Ameerikaa waliin ni mari’anna. Haa ta’u malee mootummaa Afgaanistaan waliin marii tokkoolle kan hin goone tahuu qaamota hunda beeksisnee jirra”jedhe.

 

Dabalataanis gareen Xaalibaan Sabtii har’aa ibsa baaseen, “marii Jalqabaa irratti Ameerikaan dachii Afgaanistaan tan bara 2001 humnaan weerarte dhiiste bahuuf eega waadaa galtee booda, akkaataa raawwii bahiinsa isii fi dhimmoota biroo irratti marii geggeessinee jirra. Haaluma kanaan mootummaan Ameerikaa dhimma Afgaanistaan irratti Xaalibaan qaama guddichaa fi seera qabeessa tahuu keenna fudhatee jira”jechuun beeksise.

 

Mootummaan Afgaanistaan gama isaatiin, rakkoo biyyattii furuudhaaf furmaatni qophaahu kan mootummaa fi lammiilee Afgaanistaan hunda hirmaachisu tahuu akka qabu ibsuun,  ammas kallattiidhaan Xaalibaan waliin mari’achuudhaaf carraaqqii kan godhu tahuu beeksise. Ameerikaanis furmaanni dhumaa kan walii galtee lammiilee Afgaanistaan hunda hirmaachise tahuu qaba, yaada jedhu kan qabdu tahuu gabaasni arganne ni addeessaa.

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button