header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Aanaa Dirree Salaatni Juma’aa fi Jama’aa masjidaatti akka hin geggeeffamne Murteesse

Godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Meeggaatti hoggantoonni majlisa aanichaa fi Koreen masjidoota guyyaa har’aa marii geggeessuun, April 2,2020 irraa kaase, masjidoonni aanicha keessatti argaman kan cufaman tahuu fi Ummanni mana isaatti akka Salaatu murteessan.
Majlisni aanichaa ajaja guyyaa kaleessaa mana marii ulamoota Itoophiyaa fi mana marii dhimmoota Islaama Oromiyaa irraa, tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras to’achuuf, salaatni Juma’aa fi Jama’aa yeroof masjidaatti akka hin salaatamne jechuun dabre hordofuun kan murteeffame tahuu gabaafame.

Ummanni muslimaa akka Rabbiin balaa kana nurraa deebisuuf jabaatee akka kadhatuu qabus gaafatame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button