EeshiyaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Turkiyaa, Iiraan fi Ruusiyaa Tehraan keessatti dhimma Suuriyaa irratti marii jalqaban

Hoggantoonni biyyoota sadeenii har’a magaalaa guddoo Iiraan, Tehraan keessatti marii kan jalqaban yoo tahu, Prezdaantiin Iiraan Hasan Ruhaanii akka jedhetti, biyyoonni sadeen lola Suuriyaa keessatti geggeefamaa jiru, keessumattuu dhimma Idliib irratti waliigaltee irra ni gayan abdii jedhu kan qabu tahuu ibse.

 

Mootummaan Suuriyaa kutaa biyyattii harka finciltootaa keessatti hafte Idliib irratti duula bal’aa geggeessuuf qophii irra jira. Ruusiyaa fi Iiraan mootummaa Bashaar Al Asaad deeggaruun finciltoota irratti haleellaa geeggeessaa turan. Turkiyaan duula Idliib irratti karoorfame kana hambisuudhaaf yaalaa jirti. Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii carraaqqii Turkiyaa kana deeggaruun, Mootummaan Suuriyaa fi michoonni isaa haleellaa Idliib keessatti karoorfatan yoo kan hin hambisne tahe gaaga’amni hamaan kan uumamu tahuu akeekkachiise.

 

Jiraattonni kutaa Idliib mootummaan haleellaa karoorfate dhiheenyatti jalqabuu mala soda jedhu kan qaban tahuu ibsan. Ameerikaa fi biyyoonni Awurooppaa gama isaaniitiin mootummaan Suuriyaa Idliib keessatti haleellaa Keemikaalaa raawwachuuf kan qophaayaa jiru tahuu himan. Ameerikaan mootummaan Suuriyaa Idliib keessatti haleellaa Keemikaalaa yoo kan raawwatu tahe, tarkaanfii kan fudhatu tahuu beeksise.

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button