header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hayyuun Seeraa Dr Awwal Qaasim Aloo gara biyyaa deebi’ee

Hayyuu seeraa beekamaa fi barsiisaa Yunivarsiitii Kele kan tahe Dr Awwal Qaasim Aloo UK irraa har’a gara biyyaa deebi’e. Dr Awwal Aloo falmaa mirga namoomaa, barsiisaa Yunivarsitii fi miidiyaalee Addunyaa gurguddoo irratti dhimmoota biyya keennaa fi dhimmoota gurguddoo Afrikaa ilaalchisee Xiinxalla cimaa kennuun beekama.

Dr Awwal qabsoo hawaasa muslimaa fi qabsoo ummata Oromoo karaa sirrii taheen addunyaaf beekumsa barbaachisu nama kennaa ture tahuun isaa ni beekama. Kana malees Dr Awwal Qaasim Aloo hooggantoota siyaasaa fi Koree fala barbaadduu hawaasa muslimaatiif, manneen murtii sadarkaalee Afrikaa fi idil addunyaatti Abukaatoo tahuun nama falmaa ture.

 

 

 

One Comment

  1. masha Allah baga rabbii ngh gara anaa aliii isanitii debisee alhamdulilahi rabbil alamin ammsii biraa haa jiratuu in shaa Allah.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button