header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Loltoonni Agaazii Magaalaa Amboo irratti haleellaa hammeesuun gabaafame.

Guyyoota lamaan dabran keessa poolisii fi hawaasni magaalaa Amboo Konkolaatota Sukkaara Kontrobaandii erga qabanii booda, loltoonni Agaazii hawaasa naannichaa irratti dhukaasa banuudhaan namoota heddu miidhan.

Kaleessa galgala irraa jalqabee ammoo waraanni Agaazii haleellaa baldhaa ta’e magaalattii irratti kan bane tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa. Keessumaayyuu ganama hardhaa loltoonni Agaazii kallattii hedduun gara magaalattii seenuun dhukaasa ummata irratti bananiin lubbuun namaa akka bahee fi namonni heddu ammoo kan madaayan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
itti gaafatamaan dhimmoota Kominikeeshiinii magaalaa Amboo obbo Gaaddisaa Dassaalenyi DW akka himetti, “dhukaasa kan hawaasa irratti bane loltoota Agaaziiti, namoota 10 ajjeessanii 20 ol madeessan” jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button