header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannooUSA

Seeneetiin Ameerikaa himannaa Yakkaa, Prezdaant Traamp aangoo irraa ittiin kaasuuf dhiyaate Sagalee Calmaan Kuffise

Manni marii olaanaan Ameerikaa (Seeneetiin), himannaa yakkaa miseensoonni mana marii ummata (Kongireesoonni) sagalee calmaan dabarsuun, prezdaantii Ameerikaa 45ffaa, Doonald Traamp aangoo irraa ittiin fonqolchuuf dhiheessaniif irratti galgala har’aa sagalee keenne.

Kongirasiin Ameerikaa Dimokraatootaan durfamu, Prezdaant Traamp kadhimamaa Prezdaantii tahuun kan dhihaate Joe Biden fi ilma isaa irratti, mootummaan Yukreen qorannoo akka geggeessu gaafate, Dabalataanis Prezdaant Traamp mootummaa Yukreen irratti dhiibbaa godhuuf jecha, maallaqa deeggarsaa Kongirasiin Ameerikaa Yukreeniif hayyamee ture Dolaara miiliyoona 400 biyyattii irraa qabate, mootummaan biyya biroo siyaasa Ameerikaa keessa akka seenu affeeruun kun immop heera Ameerikaa cabsuudha jechuun, prezdaantichi aangoo irraa akka kaafamu wixinee seeraa Seeneetiif dhiyeesse ture.

Haaluma kanaan miseensota seeneetii 100 jidduu isaan 48 , wixinee seeraa prezdaant Traamp aangoo irraa akka kaafamu jedhu deeggaruun, isaan 52 immoo mormuun sagalee calmaan kuffisan.

Seeneetiin Ameerikaa sagalee har’a keenne kanaan Traamp prezidaantii ta’e akka itti fufu murteessee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button