header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Arsii Aanaa Roobee magaalaa Roobeetti barattoota Muslimaa sababa Jilbaabaaf dararuun itti fufee jira

Manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa magaalaa Roobeetti, torbaan dabre keessa barattoonni shamarranii “Jilbaaba uffattanii mana barumsaa seenuu hin dandeessan” jechuun dhoorkamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Tarkaanfiin barattoota shamarranii Jilbaaba dhoorkuu kun mana barnoota sadarkaa 1ffaatti torbaan kanaas kan itti fufe tahuun dhagahame.

Barataan garasii dubbisne akka nuuf himetti “mana barumsa sadarkaa lammaffaatti, guyyaa Wiixataa barattoonni Jilbaaba uffatanii akka hin seenne dhoorkamanii turan. Haa ta’u malee kaleessa irraa seennee barachaa jirra. Mana barumsa sadarkaa 1ffaatti immoo Wiixata irraa kaasee, sababa Jilbaabaa adeemsi baruufi barsiisuu addaan citee jira”jedhe.

Roobee 1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button