header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Kufaatiin Gamtaa biyyoota galoo galaana Arabiyaa naannicha rakkoo hamaa keessa kan galchu akka ta’e Amiirri Kuweet akeekkachiise.

Amiirri Kuweet, Sheekh Sabah Al Ahmad Al Sabah, biyyoonni galoo galaana Arabiyaa waldhabdee Qaxar waliin qaban kan hin furamne yoo tahe, Gamtichi kan kufu tahuu dubbate. Sheekh Sabah Al Ahmad Al Sabah haasaya paarlaamaa Kuweet irratti godheen, hoggaantoonni biyyoota Gamticha rakkina siyaasa humna waraanatiin furuuf kan yaalan yoo tahe, naannichi balaa hama keessa seena jechuun akeekkachiise.
Waldhabbiin biyyoota kanneen jidduu jiru akka fedhii fi hawwii keenyaatti kan furamaa jiru osoo hin ta’in, hammaachaa dhufee jira. Kun immoo naannicha rakkoo hamaa keessa kan galchu tahuu hundi keenyaa gamanumaa hubachuu qabna” jedhe.
Sheekh Sabah itti dabaluudhaan “Rakkinni uuumamu malu ammoo biyyoonni biroo humna waraanaatiin akka jidduu seenan affeera; Sun immoo nageenyaa fi tasgabbii biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa kan booreessu ta’a” jechuun ibse.
Gamtaan biyyoota galoo galaana Arabiyaa, walgaragaarsa dinagdee fi aadaa biyyoota Sulula Arabiyaa keessatti argamanii kan hundaaye yoo tahu, Sa’udii, Qaxar, Kuweet, Bahreeyn, Omaanii fi U.A.E kan hammateedha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button