header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Yahuudonni Isra’eel 1000 tahan humnaan Mooraa Masjidal_Aqsaa weeraran

Qubattoonni Yahuudotaa 1000 ol tahan Alhada har’aa poolisoota Isra’eeliin deeggaramuun moora Masjiidal-aqsaa kan weeraran tahuu qondaaltonni Falasxiin beeksisan. Qondaala bulchiinsa Masjiidal Aqsaa  kan tahe Firas Aldibis Anaadooluu Niiwusiif akka himetti, qubattoonni Yahuudotaa gara masjiidichaa dhufuun duratti Poolisoonni Isra’eel mooraa Masjiidichaa weeraruun eega sakatta’aniin booda Yahuudotaaf eeggumsa godhaa kan turan tahuu ibse.

 

Weerara Yahuudotaa kana hordofuun mootummaan Urduun gocha kana balaaleffatee jira. Dubbi himtuun mootummaa Urduun Jumana Ghuneymat akka himtetti ” iddoo kabajamaa muslimoota addunyaa weeraruu fi namoota Ibaadaa irra turan jeequun gocha dallansiisaa fi balaalefatamu tahuu mootummaa Isra’eeliif beeksifnee jirra”jette. Masjiidal Aqsaa dabalatee iddoowwan Amantii Alqudsi keessatti argaman itti gaafatamummaa mootummaa Urduun  jala kan jiru  tahuun ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button