“‹”‹ Jarman meeshaalee waraanaa Sa’udii gurguruuf akka taate gabaafame
Paartileen Biyya Jarman kan bulchiinsa mootummaa keessaa qooda qaban, garee Yaman keessatti lola gaggeessaa jiru hundaaf meeshaan waraanaa akka hin gurguramne walii galanii turan. Haa tahu malee mootummaan Jarman walii galtee kana cabsuun, gaafii bittaa meeshaa waraanaa Sa’udii irraa dhihaateef kan mirkaneesse tahuu DW gabaase.
Xalayaa Ministeerrii diinagdee Jarman paarlaamaa dhiheesse irraa akka hubatametti, qaama walii galtee bittaa meeshaalee waraanaa kan tahe, Sistamiin iddoo misaa’elli irraa dhukaasame mul’isu kan Raadaariin hammayyaa irratti hidhame afur gara Sa’udii kan ergame tahuu mul’isa. Haaluma walfakkaatuun Manni maree nageenyaa mootummaa Jarman gaafii bittaa meeshaa waraanaa hammayyawwaa tahan Emreets irraa dhihaateef, kan mirkanessee tahuu gabaasni kun ni ibsa.
Lola gamtaan waraana Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hogganamuu Yaman keessatti geggeessaa jiruun wal qabatee ajjeechaa namoota nagayaa irratti raawwatame hordofuun, dhaabbiileen mirga namoomaatiif falmanii fi UN, biyyoonni dhihaa qaamota Yaman keessatti lola geggeessaa jiran hundaaf meeshaalee waraanaa akka hin gurgurre gaaftaa turuun isaanii ni yaadatama.