header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Taayiwaan hawaasni addunyaa birmaddummaa biyya isii Chaayinaa irraa baraaruudhaaf akka birmatuuf gaafatte

Prezdaantiin Chaayinaa iddoola Taayiwaan humnaanis tahu gara biyyattiitti makuudhaaf qophii tahuu eega beeksiste booda, waraanni biyyattii duulaa murteessaa tahe kanaaf qophii barbaachisu hunda xumuruun of eeggannoo cimaa irraa akka turu kan ajajame tahuu gabaafame. Kanuma hordofuun prezdaantiin Taayiwaan Tsai Ing-wen yaada kenniteen  karoorri Chaayinaa kun biyyattii yaaddoo hamaa keessa kan galche tahuu himte.

 

Prezdaant Tsai Ing-wen Taayipee keessatti miidiyaaleef yaada kenniteen, “hawaasni addunyaa dhaadannoo Chaayinaa kana akka salphaatti osoo hin ilaalin, birmadummaa fi dimokrasii Taayiwaan deeggaruun sagalee ni dhageessisa jennee abdanna”jette.  Miss Tsai yaada isii itti fufuudhaan, hawaasni addunyaa adeemsa Chaayinaa kana yeroodhaan dura dhaabbatee yoo kan hin dhaabsisne tahe, boru ammoo biyyoota biroo weeraruun isii hin hafu jechuun akeekkachiifte.

 

Mootummaan Chaayinaa dhimma Taayiwaan irtti qajeelfama “biyya tokko, sirna lama”jedhu kan qabu yoo tahu, kunis Taayiwaan fedhiidhaan gara biyyattiitti yoo kan deebitu tahe, naannawa sirna dimokrasii hordoftu taatee mirgi ofiin of bulchuu bal’aa tahe  kan kennamuuf tahuu ibsa. Taayiwaan  ammoo  biyya walaabaa fi dimokraatawaa tahuu isii ibsuun, qajeelfama Chaayinaa kana kan birmadummaa kiyya cabsuuf dhihaate jechuun kuffiste. Taayiwaan bara 1950  Chaayinaa irraa fottoquun of dandeettee sirna dimokraasiitiin kan bulaa jirtu yoo tahu, Chaayinaan garuu hanga har’aatti beekkamtii hin kennineef.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button