header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Venezuweelaan gaaga’ama Siyaasa hamaa keessa kan galte tahuu gabaafame

Prezdaant Nikolas Maduro filannoo prezdaantummaa Caamsaa dabre biyyattii keessatti geggeefame injifatuu isaa labsuun,  January 10/2019 yeroo lammataatiif hogganaa biyyattii tahuu beeksise. Paartiileen siyaasaa heddu adeemsa mootummaa biyyattii mormuun filannicha irratti kan hin hirmaatin yoo tahu, paartiin mormituu Kongirasii biyyattii keessatti sagalee ol’anaa qabu Adeemsi filannichaa seera qabeessa waan hin turaniif prezdaantummaa Nikolas Maduro kan hin fudhanne tahuu labse.

 

Akka heera biyyattiitti yeroo taayitaan prezdaantummaa qullaa tahutti, hogganaan kongirasii prezdaantii  yeroo ce’umsaa ta’uun akka tajaajilu kan hayyamu yoo tahu, haaluma kanaan Arba’aa kaleessaa hogganaan paartii mormituu Juan Guaido deeggartoota isaa kumaatamaan lakkaahaman duratti prezdaantii yeroo ce’umsaa tahuu isaa labse.

 

Kanuma hordofuun ummanni biyyattii bakka lamatti qoodamuun falmii Siyaasaa hamaa keessa galee jira. Manni murtii ol’aanaa Venezuweelaa sochiin hogganaan Kongirasii biyyattii geggeessaa jiru fudhatama kan hin qabne tahuu ibsuun,  Mr Juan Guaido irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu tahuu akeekkachiise. Haaluma wal fakkaatuun hogganaan Warana biyyattiitis ammas prezdaant Nikolas Madurotiif kan ajajamu  tahuu beeksise.

 

Gaaga’amni siyaasaa  Venezuweelaa raasaa jiru kun biyyoota addunyaatis bakka lamatti qoodee jira. Ameerikaan Mr Juan Guaido prezdaantii yeroo cehumsaa tahuu isaa eega labsee daqiiqaa muraasa keessatti  beekkamtii kan kenniteef yoo tahu, Prezdaant Nikolas Maduro murtii Tramp kanatti dallanuudhaan Venezuweelaan hariiroo Ameerikaa waliin qabdu hunda kan addaan kutte tahuu labse. Dippiloomaatonni Ameerikaatis sa’aa 72 keessatti biyyattii lakkisanii akka bahan ajaje. Haata’u malee Ameerikaan,  Nikolas Maduro hariiroo biyyoota lamaanii addaan kutuuf fudhatama seeraa waan hin qabneef, rakkoo lammiilee isii irra gahuu malu hunda ittisuudhaaf tarkaanfii cimaa kan fudhattu tahuu akeekkachiiste. Biyyoota biroo Juan Guaido deeggaruun beekkamtii kennaniif jidduu Kanaadaa, Braaziil, Kolombiyaa, Guwatimaalaa fi Kostaa Rikaan kan keessatti argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo Raashiyaa, Chaayinaa, Turkiyaa, Kuubaa fi Boliiviyaan prezdaant Nikolas Maduro deeggaruun cinaa dhaabbataa jiran.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button