header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Dirree Dhawaa jeequmsa magaalattii keessatti ka’ee ture ilaalchisee qorannoo geggeessaa ture xumuruu beeksise

Walitti bu’iinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti ji’a lama dura ka’ee tureen, namoonni 13 ajjeefamanii manneen 45 gubatuun ni yaadatama. Namoota ajjeefaman jidduu 8 Ijjoolee waggaa 15 gadiiti.

Komishiinni poolisii Dirree Dhawaa namoota yakka kana raawwachuun shakkaman irratti qorannoo geggeessaa ture xumuruun, shakkamtoota irratti himannaan akka banamuuf ragaalee bu’aa qorannoo Abbaa alangaatiif kan dabarse tahuu beeksise.

Poolisiin Dirree Dhawaa akka jedhetti, namoonni himannaan akka irratti banamuuf ragaan irratti qulqullaaye keessaa 4 manneen gubuun, shakkamtoonni 21 ajjeechaa irratti kan hirmaatan tahuu beeksise. Shakkamtoota biroo 5 ammoo ragaan kan irratti qindaayaa jiru tahuun beekameera.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button