header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii gabaasa Muummichi ministeera Israa’el dhoksaan biyyattii seenee ture jedhu haale


Miidiyaaleen Israa’el Alhada kaleessaa Benjaamin Netaaniyaahuu fi hogganaan dhaabbata basaasa biyyattii dhoksaan gara Sa’uudii imaluun, Muhammad Bin Salmaan waliin kan mari’atan tahuu gabaasan. Marii magaalaa Sa’uudii qarqara galaana dimaa irratti haaraya ijaaramte tan ‘Neom’ jedhamtu keessatti geggeeffame kana irratti, ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyootis kan hirmaate tahuu ibsame.


Haata’u malee ministeerri haajaa alaa Sa’uudii Feeysal Bin Farhaan Al-Sa’uud gabaasni ‘Netaaniyaahuun Sa’uudii seenee ture jedhu soba’ jechuun haale. Feeysal Bin Farhaan ibsa gabaabaa gama Fuula Twitter isaa irratti maxxanseen, magaalaa Neom keessatti Maayik Pompiyoo dabalatee qondaaltota Ameerikaa waliin mariin geggeeffamuu ibsuun, hoggantoota biyyoota lamaaniitiin alatti kan biroo hin hirmaannee jedhe.


Israa’eel dhiheenya kana Emreet fi Bahreeyn dabalatee, jaarsummaa Ameerikaatiin biyyoota Arabaa waliin ifatti hariiroo kan tolchataa jirtu yoo tahu, bulchiinsi Traamp angoo osoo gadi hin lakkisiniin duratti Sa’uudii waliinis walii galtee mallatteessuuf kan yaalaa jirtu tahuus gabafame.

Haata’u malee mootummaan Sa’uudii hanga ammaatti, walii galtee biyyoota Arabaa “biyyi Falasxiin walaba taate hanga hundeeffamtutti Israa’el waliin hariiroo akka hin uummne” jedhu kan kabajdu tahuu ibsite.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button