header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Indiyaa seera lammummaa haarayatti bahe balaalefachuun mormii jalqaban itti fufanii jiru

Paarlaamaan Indiyaa torbee dabre baqattoota biyyoota ollaa irraa gara Indiyaa seenaniif lammummaan akka kennamu seera hayyamu kan raggaasise yoo tahu, seerri kun baqattoota amantii Islaamaa hordofan kan hin hammanne tahuun isaa mormii cimaa kaasee jira.

Haaluma kanaan Miseensota Paarlaamaa biyyattii 100 ol tahan dabalatee, hayyoonni seeraa, dhaabbileen mirga namoomaa fi paartiileen mormitootaa, seerri Paartiin Hinduu paarlaamaaf dhiheessee raggaasise kun kallattiidhaan muslimoota addatti kan dhiibu jechuun balaaleffatan.

Wixineen seeraa kun December 12, 2019 ragga’uun eega ibsamee booda, magaalaa guddoo biyyattii New Delhi dabalatee naannolee heddu keessatti mormiin kan geggeeffamaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Keessumattuu magaalaa New Delhi keessatti mormii barattoonni Yunivarsiitii Jamia Millia Islamia (JMI) jalqaban ukkaamsuuf, tarkaanfii humnaa Alhada dabre poolisoonni biyyatti fudhatan hordofuun, mormiin gara Yuniversiitiilee biroottis kan babal’ate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Kanuma hordofuun guyyoota lamaan dabran dhaabbilee heddu keessatti barnoonni kan addaan cite tahuu miidiyaaleen biyyatti gabaasan.

Haaluma wal fakkaatuun mormiiwwan waldaaleen siivikii fi dhaabbileen mirga namoomaa qindeessan magaalota biyyattii 30 ol keessatti kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, magaalota mormiin guddaan keessatti geggeeffamaa jiru jidduu New Delhi, Mumbai, Ahmedabad keessatti argamu. Mormii kanaan wal qabatee kutaa Assam keessatti lubbuun nama jahaa dabru odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button