header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gaazexeessaan Sa’uudi Qonsilaa Istanbul keessatti kan ajjeefame tahuu gabaafame

Gaazexeessaan Sa’uudi Jamaal Khaashoqji Salaasa dabre qonsilaa Sa’uudi Istanbulitti argamu eega seenee booda kan dhabame yoo tahu, qondaaltonni Turkiyaa guyyaa kaleessaa dhimma dhabamuu gaazexeessaa kana irratti qorannoo jalqabuu beeksisan. Maddeen Poolisii turkiyaa qorannoo kana geggeessaa jiran Roytersiif akka himanitti, Gaazexeessaan Sa’uudi Jamaal Khaashoqji qonsilaa Istanbul keessatti eega ajjeefamee booda, reeffi isaa dhoksaan qonsilaa keessaa kan baafame tahuu qorannoo hanga ammaa irraa kan hubatan tahuu ibsan. Dabalataanis Poolisiin Turkiyaa ajjeechaan kun “kan itti yaadamee raawwatame”amantaa jedhu kan qabu tahuu beeksise.

 

 

Qorannoo ajjeechaa kanaatiin walqabatee Poolisiin Turkiyaa, lammiilee Sa’uudi 15 tahan kanneen guyyaa Jamaal dhabame Sa’uudi irraa gara Turkiyaa imaluun, qonsilaa Istanbul eega seenanii booda guyyama san gara Sa’uuditti deebi’an, eenyummaa isaanii fi ergamni isaanii maal akka ture kan qorataa jiru tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Mootummaan Turkiyaa Sabtii kaleessaa dhabamuu gaazexeessaa kanaatiin walqabatee, bu’aa qorannoo geggeefamaa jiruu kan ibsu tahuu beeksise. Haa ta’u malee hanga ammaatti ifatti mootummaa irraa ibsi hin kennamne.

 

 

Mr Jamaal gaazexeessaa fi falmaa mirga namoomaa mootummaa Sa’uudi qeequun beekamu yoo tahu, mootummaan Sa’uudi Ulamaa’ota fi lammiilee biyyattii badii tokko malee hidhe gad lakkisuu qaba jechuun mormaa ture.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button