header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Haleellaa West Bank keessatti raawwatameen lammiileen Israa’el lama ajjeefaman

Haleellaa kanaan namni biroo tokko ammoo kan madaaye yoo tahu, waraanni Israa’el nama haleellaa kana raawwate barbaacha gandoota Falasxiinotaa heddu kan marse tahuu gabaasni arganne ni addeessa. Haleellaan kun kan raawwatame naannawa Barakan jedhamu kan Israa’el Falasxiinota humnaan irraa buqqisuun, manneen yahuudotaa, warshaalee fi Kaampaaniiwwan 130 ol seeraan ala irratti ijaarte keessatti tahuun beekameera.

 

Israa’el dhiheenya kana Falasxiinota dachii isaanii irraa humnaan buqqisuu, naannawa galaanaa Falasxiinonni qurxummii keessaa qabaa turan daangessuu fi uggura iddoo tokko irraa gara birootti socho’uu hammeessitee itti fuftee jirti. Ugguura Israa’el kanaan lammiileen Falasxiin Gaazaa fi West Bank keessa jiraatan rakkoo hamaaf saaxilamanii jiru.

 

Dhaabbanni Baankii addunyaa ibsa dhihoo kana baaseen, Israa’eel uggura daldalaa fi imalaa  Falasxiinota irra keesse hatattamaan yoo kan hin kaafne tahe, diinagdeen Gazzaa saffisaan kan kufaa jiru tahuu akeekkachiise. Gabaasni World Bank kun, jiraattonni Gazzaa 50% ol hojiin isaanii kan irraa cufame yoo tahu, dargaggoonni 70% ol ammoo hujii dhabeeyyii tahuu isaanii mul’isa.

Haleellaa West Bank1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button