header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Paartiin mormituu Keeniyaa NASA jedhamu, “Facebook” himachuuf akka karoorse beeksise

Paartiin mormituu Keeniyaa NASA jedhamu filannoo Prezdaantummaa biyyattii bara dabre gaggeeffame waliin walqabatee, dhaabbiilee “Facebook” fi “Cambridge Analytica” mana murtiitti himachuuf kan qophaayaa jiru tahuu beeksise. Hogganaan Paartii NASA Reeyilaa Odiingaa Televiziyoona Briteen “Channel 4” jedhamuuf akka himetti, “dhaabbanni Feesbuuk dhaabbata dhoksaan hujii seeraan alaa dalagu kan “Cambridge Analytica” jedhamu waliin walii galee filannoo Keeniyaa keessa harka naquun nu dallansissee jira, paartiin NASA dhimmicha gara mana murtii geessuuf qorataa jira” jedhe. Himannaan banamu dhaabbiilee lamaan irrattuu akka tahee fi mana murtii Keeniyaan alaatti akka tahus ibse.

Filannoon Prezdaantummaa Keniyatti jalqaba ji’a August keessa gaggeefame manni murtii biyyattii eega kuffiseen booda, irraa deebii ammoo ji’a October gaggeeffamee Uhuru Keniyaataa haala mormisiisaa tureen filatamuun isaa ni yaadatama. Paartiin Uhuru Keniyaataa Jublee jedhamu filannoo dabre kana ilaalchisee dhaabbata Kambriij Analaytika qaxaree hojjachiisaa akka ture amane.

Haaluma walfakkaatuun Dhaabbanni “Facebook” iccitii namoota dhuunfaa miiliyoona 50 ol tahan dhaabbata Cambridge Analytica jedhamuuf dabarsee kennuun, Traamp prezdaantii Ameerikaa tahee akka filatamu gargaare jechuun qoratamaa kan jiru tahuun ni beekkama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button