header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan Gazexeessaan Sa’uudii Qonsilaa Istanbul keessatti ajjeefamuu ragaa Viidiyoo fi sagalee kan qabdu tahuu gabaafame

Turkiyaan Jamaal Khaashoqjii qonsilaa Istanbul keessatti ajjeefamuu isaa ragaa Viidiyoo fi sagalee akka argatte, qondaaltota Ameerikaatiif kan himte tahuu gaazexaan Washington Post gabaase. Akka gabaasa kanaatti, Jamaal gara qonsilaa eega seenee booda garee tikaa Sa’uudiitiin ugguramee qoratamaa akka turee fi booda irra ammoo ajjeefamee reeffi isaa akka ciccirame ragaan Viidiyoo fi sagalee Turkiyaan argatte ni mul’isa.

 

Jamaal Khaashoqjii October 2/2018 Turkiyaa magaalaa Istanbul  keessatti qonsilaa Sa’uudii eega seenee booda achi buuteen isaa dhabame. Mootummaan Sa’uudii Jamaal qonsilaa eega seenee boodaa akka bahe ibsuun alatti, ragaa jecha isaanii mirkaneessu tokkollee hin dhiheessine. Turkiyaa, Ameerikaa fi  UK dabalatee biyyoonni heddu, mootummaan Sa’uudii haala dhabamiinsa gaazexeessaa kanaa irratti ragaa gayaa akka dhiheessuuf dhiibbaa cimaa godhaa jiran.

 

Kanuma hordofuun Sa’uudi fi Turkiyaan waliin qorannoo geggeessuuf kan walii galan tahuu qondaalli ol’anaan Waajjira Prezdaantii Turkiyaa Ibraahim Kalin Anaadooluu Niiwusitti hime. Haaluma kanaan jilli mootummaa Sa’uudi Jum’aa har’aa Turkiyaa kan seene yoo tahu, Sabtii boruu qondaaltonni biyyoota lamaanii haala qorannoo kanaa irratti mari’achuuf kan karoorfatan tahuun beekameera.

Jamaal Khashoqji12

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button