header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Kuweeyti Lammiileen biyya alaa hayyama jireenyaa hin qabne akka bahan akeekkachiise

Ministeerri biyya keessaa Kuweeyt ibsa guyyaa kaleessaa baaseen lammiileen biyyoota adda addaa kan hayyama jireenyaa hin qabne, January 29 irraa kaasee hanga February 22/2018 yeroo jiru keessatti adabbii tokkoon alatti biyyattii lakkisanii akka bahan jechuun yeroo dhiifamaa guyyoota 23 kenne. Dabalataanis namoonni yeroo dhiifamaa kana keessatti hin baane kan adabaman tahuu akeekkachiise

Labsiin yeroo dhiifamaa kun lammiilee biyya alaa kan hayyama jireenyaa hin qabneef carraa lama kan kenne yoo tahu:

 

  1. lammiileen biyyoota adda addaa kanneen Karaa seeraan alaatiin Kuweeyt seenan ykn kan hayyama jireenyaa hin qabne kunniin yeroo kenname keessatti hatattamaan akka bahan kan jedhuu fi
  2. Namoonni hayyama jireenyaa hin qabne kunniin kafaltii isaan irraa eeggamu hunda kafaluun Sakkata’iinsi osoo hin jalqabaminiin dura hayyama jireenya akka haroomsan kan jedhuudha.

 

Namoonni yeroo dhiifamaa kenname keessatti bahan, gara biyya isaanii deebi’uun hayyama haroomfatanii yoo fedhii qabaatan gara Kuweeyt deebi’uun kan kan hayyamamuuf akka ta’ee fi namoonni yeroo kenname kanatti hin bahin ammoo, adabbii hidhaa booda gara biyya isaaniitti kan darbaman akka ta’e, akkasumas  kana booda yoo gara Kuweeyt deebi’uu barabaadanis kan hin hayyamamneef tahuun ibsameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button