header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Da’awaa guddaan Magaalaa Qarsaatti geggeeffame

Godina Arsii aanaa Muneessaa magaalaa Qarsaatti sagantaan Da’awaa guddaan kan geggeeffame yoo tahu, Ulamaa’onni fi Ustaazoonni hedduun sagantaa kana irratti argamuun hawaasa muslimaatiif dhaamsa dabarsaniiru.

Keessumoonni sagantaa kana irratti argaman;
1. Sheikh Mas’uud Adaamaa irraa
2. Ustaaz Abdurrahmaan Huseen(Xaalibuu Ridallaah) Shaashamannee irraa
3. Sheikh Xaahir Asallaa irraa
4. Barsiisaa Yunivarsiitii Ustaaz Abdulnaasir Shaashamannee irraa
5. Aalima guddaa magaalaa Qarsaa Sheikh Jamaal fi daa’ileen heddu achuma magaalaa Qarsaa irraa kan hirmaatan tahuun beekameera

Magaalaan Qarsaa iddoo dhaloota Ustaaz Xaalibuu Ridallaah yoo taatu, hawaasni muslimaa lakkoofsaan heddu ta’e sagantaa kana irratti kan argame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button