header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Afrikaan Kibbaa talaalliin kaampaaniin AstraZeneca oomishe gosa vaayirasii haarayaa hin ittisu jechuun uggurte

Afrikaan Kibbaa talaalliin AstraZeneca, akaakuu vaayirasii haarayaa irratti bu’aa ”nama hin gammachisne” mul’isuu erga qorannoon argame booda, talaallicha kennuu dhaabde.


Qorannoo namoota 2,000 ta’an irratti gaggeefameen, talaallichi dhukkubbi Covid-19 jiddugalaa fi gad aanaa tahe ilalchisee humni ittisuu “baay’ee xiqqaa” tahuu agarsiise.

Afriikaan Kibbaa talaallii ‘AstraZeneca’ doozii miliyoona tokkoo kan fudhattee turte yoo ta’u, silaa torbee dhuftu keessa namoota talaaluu eegaluuf karoorfatte.

Ministirri Fayyaa Afriikaa Kibbaa Dilbata kaleessaa bu’aa qorannichaa ilaalchisee gaazexessitootatti akka himetti, hangasittuu mootummaan torbee dhuftu keessaa talaalliiwwan Johnson & Johnson fi Pfizer’n oomishaman hanga tokko argateen talaallii ni kenna jedhe.


Qorattoonni biyyattii akka jedhanitti, yeroo ammaa lammiilee biyyattii haarayatti vaayirasichaan qabamaa jiran jidduu 90% akaakuu vaayirasii haarayaatiin akka qabaman beeksisan.

Talaalliin ‘Pfizer-BioNTech’ talaalliiwwan hanga ammaatti oomishaman hunda caalaa akaakuu vaayirasii haarayaatis kan ittisu tahuu ibsame.

2 Comments

  1. Asalamualeukum waramatulayi Wabarakatu qophesitoota TV Hamiltan qophiin keessan gaarii dha jabadha jajjabadha ,an waanin dandau hundan isiin biraan jira rabbiin guddaa isiin isiin haa gargaru, your dheeraa duniya akkira waan of jalatu hundan isiin haa jalatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button