header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaaronni gamtaa Waraana Arabaa Yaman keessatti haleellaa raawwataniin  namoota nagayaa heddu galaafatan

Xiyyaaronni gamtaa waraana Arabaa Sa’uudin hogganamuu Sabtii kaleessaa Yaman kutaa Hudeeydaa keessatti  haleellaa Minibaasii namoota nagahaa fe’atee deemaa ture irratti raawwataniin, yoo xiqqaate namoonni 15 kan ajjeefaman tahuu gabaasni UN irraa bahe ni ibsa. Yaman keessatti qindeessituun gargaarsa namoomaa UN Miss Lisee Graande haleellaa kana ilaalchisee ibsa kennite irratti “Dhaabbanni mootummoota gamtoonii haleellaa sukkanneessaa lammiilee nagayaa irratti raawwatame kana cimsee balaaleffata, maatii namoota ajjeefamaniitifis jajjabina hawwina”jette.

 

Miss Graandeen ibsa isii itti fufuun qaamonni lola irra jiran hundi namoota nagayaatiif eegumsa gahaa kennuu qaban, haa ta’u malee gamtaan waraana Araba namoota nagayaatiif eegumsa godhuu dhabuu qofa osoo hin taane, namoota nagayaa jumlaan rukutuun seera addunyaa irra deddeebi’ee cabsaa jira jechuun qeeqxe.

 

UN akka jedhutti, lola Yaman keessatti adeemaa jiruun ji’a sadan dabran qofa lammiileen nagayaa 170 kan ajjeefaman yoo tahu, 1,700 ammoo madaayaniiru. Dabalataanis ji’a sadeen kana keessa namoonni  425,000 qe’ee isaanii irra buqqifamanii jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button