header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan dhabamuu Gaazexeessaa Sa’uudii ilaalchisee qorannoo geggeessaa turte  dhiheenyatti kan ibsitu tahuu beeksifte

Ministeerri Haqaa Turkiyaa akka jedhetti, dhabamuu Jamaal Khaashoqjiitiin walqabatee qorannoo bal’aa tahe akka geggeessee ibsuun bu’aa qorannoo kanaa yeroo gabaabaa keessatti kan ibsu tahuu beeksise. Ministeerri Haqaa Turkiyaa Abdulhamiid Gul  Anaadooluu Niiwus waliin gaafii fi deebisaa godheen “Seeraa fi ulaagaalee sadarkaa addunyaa eeggatuun qorannoo gad fageenyaan geggeessineen gaafiilee hedduuf deebisaa argannee jirra”jedhe.

 

Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii torbaan lama dura qonsilaa Istanbul keessa eega seenee booda dhabamuun isaa ni yaadatama. Qondaaltonni tika Turkiyaa Jamaal qonsilaa biyya isaa keessatti ajjefamuu ragaa gahaa tahe akka qaban kan ibsan yoo tahu, mootummaan Sa’uudii jalqaba dubbiin Jamaal qonsilaa keessatti ajjeefame jedhu soba jechuun haalaa ture. Haa ta’u malee guutuu addunyaa irraa dhiibbaa irratti hammaata dhufe hordofuun, Sa’uudiin Turkiyaa waliin qorannoo geggeessuuf walii galte.

 

Haaluma kanaan Arba’aa kaleessaa ogeeyyonni qorannoo yakkaa Turkiyaa fi Sa’uudii waliin tahuun, qonsilaa fi mana jireenyaa itti gaafatamaa qonsilichaa kan sakatta’an tahuun beekameera. Qondaaltonni Turkiyaa akka jedhanitti , qorannoo guyyaa kaleessaa kanaan ragaalee dabalataa sagalee kanaan dura argame mirkaneessu kan argatan tahuu himan. Gama biraatiin ammoo Itti gaafatamaan qonsilaa Istaanbul maatii isaa waliin guyyaa kaleessaa Turkiyaa gad lakkisuun gara Riyaaditti kan deebi’e tahuu beekamee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button