header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeraa Dr. Abiy Ahimad fi Prezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Je-in hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalan

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad affeerraa mootummaa Kooriyaa Kibbaattiin biyyattii kan daawa’ataa jiru yoo tahu, har’a Prezdaant Moon Je-in waliin kan mari’ate tahuu beekamee jira. Haaluma kanaan marii hoggantoota lamaanii booda,  ministeerota gama lamaanii jiddutti walii galteewwan heddu kan mallatteeffaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Waliigalteewwan biyyoota lamaan jiddutti mallatteeffam kunniin:
1. Namoonni paaspoortii dippiloomaatii qaban, viizaa malee gara biyoota lamaanii akka seenan.
2. Komiishinii Ministiroota biyyoota lamaanii hundeessuu
3. Hojii Sadarkaa baasuu (Standardize) , ga’umsa, madaallii meeshaalee fi to’annoo teeknikaa irratti tumsaan waliin hojjechuu,
4. Eegumsa naannoo irratti waliin hojjechuu,
5. Waliigaltee liqaa misooma Wiirtuu Qorannoo Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa kan keessatti argaman tahuu ibsame.

Gama Ityoophiyaatiin waliigalteewwan kan mallatteessan Ministeera Haajaa Alaa Obbo Gadduu Andaargaachaw, Ministeera Innooveeshinii fi Teknoolojii Dr. Injinar Geetaahuun Makuriyaa fi Itti aanaa Ministeera Maallaqaa obbo Admaasuu Nabbabaa tahuun beekamee jira.

.

Muummichi ministeeraa daaw’annaa isaa kanaan Prezdaantii Baankii Egzim akkasumas,   itti aanaa prezdaantii Kaampaanii Samsung kan tahe Wan Kiyong waliinis mari’atee jira. Dr Abiy Kubbaaniyyaa Samsung Ityoophiyaa keessatti investimentii akka dalagu kan affeere tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad daaw’annaa Kooriyaa Kibbaatti guyyaa lamaaf geggeessaa jiru kana har’a galgala xumuruun, Kora hoggantoota Jaappaan fi Afrikaa irratti hirmaachuuf gara magaalaa Yokohaamaatti kan imalu tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button