OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Paarlaamaan Ityoophiyaa boru prezdaantii haarawa ni muuda jedhame Eegama

Manni maree bakka bu’oota ummataa fi manni maree Federeeshiinii kora guyyaa boru geggeessu irratti, prezdaantii Mootummaa Federaala Dimokraatawa Ityoophiyaa haarawa ni muudama jedhamee eegama.
Prezdaant Mulaatuu Tashoomaa aangoo lakkisuuf kan gaafate yoo tahu, manni maree lamaanuu gaafii Dr Mulaatuu fudhatee jira. Haata’u malee Dr Mulaatuu Tashoomaa sababaa aangoo lakkisuu barbaadeef wanti ibsame hin jiru.