header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaqsanitti lolli akkuma itti fufetti jira

Aanicha keessatti guyyoota lamaan darban haalli nageenyaa Tasgabbaa’ee kan ture tahus, guyyaa hardhaa Weerara Liyyuu Polisiin Mootummaa Naannoo Somaalee ummata nagayaa araddaa Qaaliga_warra_Sayyoo irratti banteen lolli adeemaa ooluu maddeen gabaasan.

Jiraataan Naannichaa Bilbilaan dubbisne akka nuuf himeetti: “Humna guddaan ummata keenya weeraruuf yaalanis ummanni keenya ofirraa ittisee jira. Gama keenyaan miidhaan dhaqqabe hin jiru. Gara jaraatiin ammoo tokko madaawee namni tokkos galaafatamee jira” jedhe. Akkasumas makkalaakayaan aanicha keessa jiru furmaata tokkollee kennuu kan hin danda’in tahuu namni kun nuuf hime jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button