header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin Birkaan mooraa mana jireenya hogganaa qonsilaa Istanbul keessatti argamu akka hin sakatta’amne dhoorkite

Turkiyaan ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjiitiin walqabatee qorannoo jalqabde kan itti fufte yoo tahu, Prezdaant Rajaba Xayyib Erdogaan guyyaa kaleessaa reeffi gaazexeessaa kanaa eessa akka jiru Mootummaan Sa’uudii deebisaa kennuu qaba jedhe.

Poolisiin Turkiyaa torbee dabre waajjiraalee qonsilaa fi mana jireenya itti gaafatamaa qonsilichaa yeroo sakatta’etti, qondaaltonni Sa’uudii Birkaan mooraa mana jireenyaa hogganaa qonsilaa keessatti argamuu akka hin sakatta’amne kan dhoorkan tahuu, maddeewwan poolisii eeruudhaan Anaadooluu Niiwus gabaase. Miidiyaaleen tokko tokko garuu Turkiyaan qaama reeffa Jamaal ciccirame muraasa kan argite tahuu gabaasaa jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button