header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Isra’eel baqattoota lammiilee Afrikaa ilaalchisee waliigaltee UN waliin mallatteessite diiguu beeksifte

Muummichi ministeera Isra’eel guyyaa kaleessaa baqattoota lammiilee Afrikaa 16,000 tahan,Mootummoota gamtoomanitti ejensiin baqattootaa UNHCR Afrikaan alatti biyya sadaffaatti akka qubsiisuu fi akkasumas Isra’eelis baqattoota 16,000 tahaniif hayyama jireenyaa akka kennitu UNHCR waliin waliigaltee mallatteessuu beeksise.

Isra’eel baqattoota lammiilee Afrikaa 40,000 tahan biyya isii keessa dirqiidhaan gara Afrikaattii deebisuuf murteessuu isii hordofuun, UNHCR mootummaa Isra’eel waliin eega mari’ateen booda walii galtee kaleessaa san mallateesse. Haata’u malee miseensonni paartii Beenjamin Netaaniyaahuu jibbiinsa sanyii qaban ummata biyyattii kakaasuun mormii cimaa jalqaban.

Kaleessa waliigalteen sun eega ifa godhamee Sa’aa muraasa booda, Neetaaniyaahuun mormiin cimaan waan nuqunnameef hanga jiraattota naannawa baqattoonni Afrikaa itti baay’atan waliin mari’atamutti hujii irra oolmaan waliigaltee kan uggurame tahuu hime. Ganama har’aa ammoo Beenjaamin Neetaaniyaahuu walii galtee kana diiguu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button