header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafti heektaara 133.6 abbootii qabeenyaatiif akka hin kennmne dhoorke

Kaabineen magaalichaa walga’ii har’a gaggeessen; hojii oodiitii lafaa 2ffaadhaan kan adda baafamanii fi maanufaakchariingiif kennamuuf kan ture lafti heektaara 133.6 akka  dabarfamee hin kennamne murteesse.

 

Bulchiinsi magaalattii akka jedhetti, haalli kenniinsa lafaa kanaan duraa ifa kan hin turre, itti fayyadama lafa magaalichaa xiyyeeffannaa keessa kan hin galchine, maanufaakchariing indaastiriif qajeelfama ba’e lakkoofsa 16/2005 kan hin bu’uureffanne ta’uu isaatin irra deebidhaan akka ilaallamuu fi tajaajilichis akka hin kennamne kan dhoorkame tahuu ibse.

 

Abbootiin qabeenyaa 288 lafti heektaarri 133.65 akka kennamuuf kan gaafatan yoo ta’u, kaabineen magaalichaa qorannaan gaggeeffamee hanga kallattiin kaa’amutti tajajailli kennaa lafaa akka dhaabbatu murteessuu FBC’n gabaase.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button