header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Daandiin gara magaalaa Awwadaay seensisu cufamee oole

Godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti daandiiwwan hundi cufamanii oolan. Sababni daandiin cufameef walitti bu’iinsa naannoo Soomalee fi naannoo Oromiyaa jiddutti ka’ee ture hordofuun, lubbuu namaa magaalaa Awwadaay keessatti darbe tureen walqabatee dargaggoonni magaalattii heddu hanga har’aatti murtii tokko malee  hidhamuu isaanii mormuun akka tahe gabaafame.

 

Dargaggoonni hidhaman yakka jedhame akka hin raawwatin falmachaa turanis, murtiin tokkollee osoo isaan irratti hin kennamin mana hidhaa keessaatti dararamaa jiru, akkasumas dargaggoota kana jidduu dubartoonni mana hidhaa keessatti dhalani Jiraatu maatiiwwan isaanii nuuf ibsan.

 

Jiraattonni magaalaa Awwadaay hanga Oromiyaatti imaluun iyyannoo dhiheeffataa kan turan tahus, hanga har’aatti furmaata tokkollee argatuu dhabuu Isaanii himan. Guyyaa har’aa immoo daandiiwwaan magaalaa Awwadaay seensisan cufuun kan mormii dhageessisaa turan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button