header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jaarmiyaaleen hawaasa Muslimaa Oromoo Awurooppaa 4, haleellaa Masjidoota irratti raawwatame balaleefataan

December 20, 2019 naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti Masjidni 4 shoorarkeessitootaan gubamuufi qabeenya Muslimoota magaalichaa irraas miidhaan gahuun ni yaadatama.

Gocha raawwatame kana balaaleefatuun waldaaleen hawaasa Muslimaa Oromoo Awurooppaa 4 ibsa ijjannoo qabxii 5 qabu baasan.

Qabxiilee kunniin
1) Masjidoota 4n naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti gubameefi Masjidoota achiin dura diigamaniis cimsinee balaaleeffanna.

2) Warra yakka kana raawwatan mootummaan hatattamaan seeratti akka dhiheessu gaafanna.

3) Yakkoota akkanaa kan manneen Amantii ittiin gubanii jeequmsaan uumuuf hojjataman mara mootummaan yeroon hordofee akka eeggumsa jabaa godhu dhaamsa dabarsina.

4) Mootummaafi ummata bal’aa biyya keessaa fi biyya alaa jiraniif akkasuma abbootiin qabeenyaa fi qaamni dhimmi ilaallatu martinuu Masjidoota gubaman deebisanii ijaaruu irrati akka hirmaatan yaaminsa goona.

5) Ummanni Oromoofi sabaafsablammoonni biyyaa marti if eeggannoo akka godhan dhaamna. Shirri ummata amantiin walitti buusuuf yaadame kun hiika dhabsiifamuu qaba. Gareefi matayyaanis jabaattanii akka dura dhaabbattan dhaamsa dabarsina jedha.

Jaarmiyaaleen Afran kunniin
1. Agoobara Gaaddisa Nagayaa UK
2. Waldaa Hawaasa Muslimaa Oromoo Norway
3.Waldaa Hawaasa Muslimaa Oromoo Jarmanii fi
4.Waldaa Biftuu Oromoo Siwiidiin Istookholm tahuun beekameera.

One Comment

  1. Pingback: Q.s.i

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button