OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Biyyoota Arabaa Ityoophiyaa waliin Walii galtee hujii hin qabnetti imaluun kan dhoorkame tahuu ibsame

Jalqaba Ji’a kanaa mootummaan biyyootni Arabaa Waliigaltee hojii Ityoophiyaa waliin mallatteessan Sa’uudii, Qaxarii fi Jordaan tahuu ibsuun, lammiileen karaa seera qabeessa taheen hujiif gara biyyoota sadeenii imaluu kan danda’an tahuu ibsee ture. Ministeerri dhimma hojjataa fi hawaasummaa ibsa Onkololeessa 26/2011 baaseen ammoo, guyyaa har’aa irraa jalqabe biyyoota sadan walii galtee Ityoophiyaa waliin raawwataniin alatti hojiifis ta’ee maqaa daawwannaatiin gara biyyoota Arabaa kanneen biroottii imaluun kan hin danda’amne tahuu ibse.

Sababni uggurri kun kaayameef immoo lammiileen daawwannaa, hojii fi dhimmoota adda addaa dawoo godhatuun garasitti eega imalanii booda, achitti hafaa kan jiran akka tahee fi mootummaan imala Seeraan alaa kana dhaabsiisuuf tarkaanfii kana kan fudhate tahuu odeeyfannoon kun ni addeessa.

Biyyoota hojiif tahee daawwannaaf imaluun dhorkame jechuun tarreefaman jidduu,Emreets, Lubnaan, Kuweeyti, Omaan fi biyyoonni Arabaa kanneen birootis jiraatuu gabaafame.

Haata’u malee namoota karaa seera qabeessa taheen gara biyyoota kanniinitti imaluuf ragaa gahaa dhiheeffatan irratti qorannoon cimaan kan godhamu tahuus ibsamee jira.

#Imala_Biyyoota_Arabaa

2 Comments

  1. yanii Koo biyotaa banama Kan demuf ulgalee akamuu nuu barbachisa idoon inbasii ithophi jiruu yoo akamiin argachuu dandenyaa ykn pirosasii isaa jalqabuu isatii isin argan galatomaa

Comment

Related Articles

Back to top button