header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Labsii Traamp hordofuun biyyoota addunyaa heddu keessatti mormiin itti fufee jira.

Magaalaa guddoo Indoneezhiyaa, Jaakaartaa keessatti lammiileen biyyattii 80,000 ol ol tahan, Alhada hardhaa Imbaasii Ameerikaa fuldurattii hiriira mormii cimaa ta’e kan gaggeessaa jiran tahuu Rooytarsi gabaase. Mormii kun nagayaan akka xumuramu taasisuuf poolisoonni kuma 25 kan bobba’an tahuu beekameera.
Hiriira Mormii hardhaa kana kan yaame Mana Marii Ulamaa’ota Indoneezhiyaa yoo tahu, Hoggaanaa mana marichaa kan ta’e Anwaar Abbaas haasawa taasiseen, Laabsiin Traamp Kun seeraan ala waan ta’eef biyyoonni aaddunyaa hundi kuffisuu qaban” jechuun waamicha dabarse.
Abbaas itti dabaluudhaan, Ameerikaan murtii isii kan yoo kan hiindhiifne tahe, oomisha Ameerikaatiifi Isra’eel ummanni Indoneezhiyaa akka hinfayyadamneef mallattoo namoota miiliyoonotaa walitti qabame, Ambasaadara Ameerrikaa jaakartaa jiruuf kan galchan tahuu beeksise.
Indoneezhiyaa magaalota biroo keessattis labsii Traamp mormuun, hirriirri kan gaggeeffamaa jiru tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun, Lammiileen Ameerikaa labsii Traamp Al-Qudsi/Jerusalem irratti dabarse mormuun Waashingiton DC keessatti hiriira bahan
Lamiileen Ameerikaa kuma heddu ta’an, Sabtii kaleessaa magaalaa Waashingiton DC Waayit Haawus duratti bahuun, labsii Traamp Al-Qudsi/Jerusalem “magaalaa guddoo Isra’ee”l jechuun baase morman.
Mormiin kaleessaa kana dhaabbileen heddu gamtaadhaan kan Yaaman akka ta’es gabaasni arganne ni ibsa.Dhaabbilee kanneen keessayis Mana maree Muslimoota Ameerikaa, Gamtaa Muslimoota Ameerikaa Falaasxiiniif,Gamtaa Muslimoota Ameerikaa Kaabaa, fi dhaabbileen biroo heddu kan keessatti hirmaataan tahuun beekamera.
Hoogganaan dhaabbata “Muslimoonni Ameerikaa Falasxiiniif” jedhamuu Osaamaa AbuIrshad haasawa godheen,”Traamp fi Yakkamaan waraanaa Beenjaamin Neetaniyaahu, jaalatanis jibbanis Al-Qudsi/Jerusalem magaalaa guddoo Falasxiin taatee itti fufti” jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button