header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Bulchiinsi Falasxiin walii galtee kanaan dura Israa’el waliin qabu hunda ugguruu beeksise

Prezdaant Mahmuud Abbaas Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin PLO waliin eega mari’atee booda kaleessa galgala ibsa kenneen, “Qabsoo Falasxiin humnaan cabsuuf weerara Israa’el geggeessaa jirtuuf hin jilbiifannu, kana booda walii galteewwan Israa’el gama isitiin cibsite nuti eeguuf hin dirqamnu” jedhe.

 

Tarkaanfiin bulchiinsa Falasxiin kun dhiheenya kana Israa’el daangaa humnaan qabatte ce’uun, manneen Falasxiinotaa naannawa  Al-Qudsi keessatti argaman jigsuu jalqabuu isii waliin kan wal qabate tahuu ibsame. Waraanni israa’el Wixata dabre irraa eegalee manneen Falasxiinotaa 100 ol kan jigsaa jiru yoo tahu,  Prezdaant Mahmuud Abbaas dhimma kana  ilaalchisee yaada kenneen, yakka duguuggaa sanyii gahu kana hawaasni addunyaa akka balaaleffatu jechuun waamicha dabarse.

 

Israa’el Al-Qudsi dabalatee dachii Falasxiin bara 1967 humnaan qabatte keessatti,  gandoota Falasxiinotaa diiguun qubannaa lammiilee isii kan ijaaraa jirtu tahuun ni beekama.

Comment

Back to top button