header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Weerara humni addaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwate hordofuun Falasxiinonni torba ajjefaman

Qondaaltonni Falasxiin akka jedhanitti, loltoonni humna addaa waraana Israa’el konkolaatota Siviiliitiin dhokatanii gara Gaazaa seenuun, ajajaa waraana Hamaas Nuur Barakaa ajjeesanii bahaa yeroo turanitti loltoota Hamaasiin marfamanii kan turan tahuu beeksisan.  Kanuma hordofuun Israa’eel Komandoota garee Hamaasiin marfaman kanneen gad lakkisiisuudhaaf xiyyaarota waraanaatiin Gaazaa naannawa Khan Yunus jedhamu misaa’ela 40 oliin kan rukkutte tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Dubbi himaan garee Hamaas Fawzi Barhuum weera loltoota Israa’el kana, “Duula luynootaatiin Komaandaroota lama dabalatee Falasxiinonni 7 ajjefamaniiru”jedhe. Weera kanaan gama Komaandota addaa waraana Israa’el irraayis tokko ajjeefamee kan biraa ammoo kan madaahe tahuun beekamee jira. Waraanni Israa’el ibsa baaseen, “Duula addaa Gaazaa keessatti geggeefame hordofuun dhukaasa gareen Hamaas Komaando waraana Israa’eel irratti baneen, loltuun tokko ajjefamee kan biraa ammoo madaahee jira”jedhe.

 

Weerara Israa’el kana hordofuun Gareen Hamaas rookkeetota Kudhan gara Israa’el kan dhukaase yoo tahu, waraanni Israa’el rookkeetota lama qilleensarratti qolachuu beeksise. Bara 2008 asitti qofa Israa’el fi loltoonni gareewwan Falasxiinota Gaazaa keessatti  yeroo sadi lola hamaa kan geggeessan yoo tahu, weerarri Israa’el amma raawwatte kunis gara lola hamaa birootti ol guddachuu mala sodaan jedhu kan jiru tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

weerara Isra'eel2

 

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button