header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin torbee Iidaa keessa sochii ummataa guututti kan uggurtu tahuu beeksiste

Sa’uudiin weerarara Vaayirasii koroonaa biyyattii keessatti hammaataa jiru to’achuuf, kanaan dura magaalota heddu keessatti sochii ummataa uggurtee turte. Haata’u malee mootummaan biyyattii ji’a Ramadaanaa keessa uggura laaffisee ture deebisee kan cimsu tahuu beeksise. Ministeera Dhimma biyya keessaa waabefachuun ejensiin Odeeyfannoo Sa’uudii akka gabaasetti, guutuu biyyattii keessatti Ramadaana booda May 23 -27/2020tti guyyaa Shaniif sochiin ummataa Sa’aa 24 guututti kan ugguramu tahuu ibsame.

Mootummaan ibsa isaa kanaan, hanga guyyaa Iidaatti dhaabbileen daldalaa hundi banaa kan turan tahuu ibsuun, ummanni sa’aa 9am-5pm tti bilisaan socho’uu kan danda’u tahuus beeksise. Haata’uuti magaalaa Kabajamtuu Makkah keessatti ammas sochiin ummataa guutumaan guututti dhorkamee kan turu tahuu ibsi kun ni addeessa.
Sa’uudiin biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa keessaa baay’ina namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaaheetiin adda duree yoo taatu, Ministeerri Fayyaa biyyattii ibsa Kiibxata kaleessaa baaseen hanga ammaatti, namoota 42,925 Vaayirasichaan qabamuu mkirkanaahe jidduu 264 du’uu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button