header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Amaaraa Kibba Goondar keessatti Masjiidni gubame

Naannoo Amaaraa Kibba Gondar magaalaa Isteetti Alhada torbaan kaleessaa hordoftoota amantaa birootiin masjiidonni lama gubamuu gabaasuun keenna ni yaadatama. Haaluma wal fakkaatuun halkaan edaatis godinuma Kibba Goondar aanaa Andabeet ganda Jarraa Gadduu jedhamu keessatti, masjiidni tokko gubamuu odeeyfannoon ni addeessa. Balaa kanaan qabeenyi masjiidaa guutumaan guututti barbadaa’uu beekameera.

Balaa kana Itti gaafatamaan waajiira dhimmoota Komunikeeshiinii godina Kibba Goondar, “balaa tasa muudate”jechuun TV naannichaatiif ibse. Haata’u malee hanga hardhaatti yakka naannicha keessatti masjiidota irratti raawwatamaa jiru ilaalchisee, ibsi mootummaa naannichaa irraa kenname tokkollee hin jiru. Kanuma hordofuun, naannichatti torbaan tokko keessatti masjidni 3ffaan gubamuun fi mootummaa irraa tarkaanfiin tokkollee fudhatamuu dhabuun hawaasa muslimaa keessatti shakkii hamaa uumee jira. Mootummaan xiyyeeffannaa irratti kennuun qoomata yakka kanneen duuba jiran hordofee seeratti akka dhiheessu ummani gaafataa jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button